ONM-ABO Waxabajjii 15, 2025
Sirni garboomfataan impaayerattii imaanaa lammiilee fuudhee gatuun barcuma aangoo isaa qofa tikfachuuf kan ifaaju, sabootaa fi sab-lammoota impaayerattii keessatti argaman mara humnaa fi afaan qawween dirqisiisee walitti guuruun bututtuu impaayera Itiyoophiyaa ittiin tiksuuf jecha bakkeewwan hojii isaanii garaa garaa irraa ukkaamsuun gara dirree waraanaatti ergus namootni eenyummaan itti dhagaa’amu mooraa cubbamaa PP ganuun WBO’tti makamaa jiru.
Haaluma kanaan godina Lixa Shaggar aanaa Dirree Incinnii ganda Arfinjoo Dagaa bakka addaa Abuyyee jedhamutti Waxabajjii 12, 2025 miseensonni raayyaa ittisa impaayerattii lama qawwee Turkii tokkoo fi dachaatuu tokko hidhannoo guutuu waliin qabatanii gooticha Waraana Bilisummaa Oromootti harka kennachuu hooggansi WBO naannichaa Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf addeessee jira.
Miseensonni raayyaa ittisa impaayerattii duraanii kunis simannaa hoo’aa WBO’n taasiseefitti hedduu gammaduun osoo hin hubatin alagaaf qawwee baatanii saba isaanii dararaa turuutti dhiifama gaafachuun, hiriyoota isaanii kanneen mooraa diinaa keessatti hafanii lammiilee isaanii mankaraarsaa oolaniin, osoo isinitti hin barfatin qawwee fi hidhannoo keessan qabadhaatii yeroodhaan gara qabsoo saba keessaniitti deebi’aa jechuun dhaamsa Oromummaa qaban dhaamaniifii jiru.
