Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Baha Shaggar Aanaa Boosat keessatti ergamtoonni Bilxiginnaa jiraattota hidhuu fi saamuu akkaan cimsanii itti fufan 

ONM-ABO Adoolessa 10, 2025 

Saamtonni fi shiftoonni ergama koloneel Abiy Ahimediin fudhatanii bobba’an, kanneen dantaa dhuunfaa isaaniif jecha uummata ofiifuu qaala’iinsa jireenyaan rakkoo hamaa keessa jiru sababoota garaa garaa maqaa dhahachuun saamicha, hidhaa akkasumas dararaa adda addaa raawwachaa kan jiran ergamtoonni PP, yeroo ammaa kanas gocha gara jabinaa hamaa raawwachuu cimsanii itti fufaniiru.

Haaluma kanaan jala deemtonni murna Bilxiginnaa Baha Shaggar aanaa Boosat magaalaa Doonii keessaa jiraattota maqaan isaanii:

  1. Obbo Badhaadhaa Warjii,
  2. Obbo Baqqalee fi
  3. Obbo Tufaa Gadaa 

jedhaman badii seeraa tokko malee baatii 6 fi torban tokko erga hidhanii booda Adoolessa 2, 2025 tokkoon tokkoon isaanii irraa qarshii 15,000 saamuun gadi lakkisanii jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.

Adoolessa 7, 2025 ammoo Tufaa Gadaa marsaa lammaffaaf deebisanii hidhaatti akka darbatan maddeen ONM’tti himan.

Namoonni kunneen siyaasa kam keessa kan hin jirree fi maqaa “ilmaan keessantu bosona jira” jedhuun hiraarfamaa jiraachuu himuun, isaan keessaas Obbo Tufaa Gadaa Adoolessa 7, 2025 marsaa lammaffaaf hidhaatti darbatanii jiraachuu irraan kan ka’e yeroo ammaa kana Obbo Badhaadhaa fi Obbo Baqqaleenis akkuma Obbo Tufaa “nu hidhuu malu” sodaa jedhuun qe’ee fi qabeenya isaanii dhiisanii bakka biraatti baqatanii jiraachuu dubbatu.

Exit mobile version