ONM-ABO Adoolessa 12, 2025
Murni hidhaa fi ajjeechaan uummata Oromoo duubatti deebisuuf dhama’u Bilxiginnaan, wayita lolaan Waraana Bilisummaa Oromoo injifachuu dadhabu qe’ee hawaasaatti ol deebi’ee uummata harka duwwaatti roorrisuun, godinaalee Oromiyaa bakkoota garaa garaa keessatti hidhaa fi saamicha akkaan jabeessee jira.
Adoolessa 9, 2025 godina Gujii Lixaa magaalaa Bulee Horaa keessatti kaabinoonni fi milishoonni sirnichaa waliin ta’uun, namoota nagaa hedduu ukkaamsuun achi buutee dhabamsiisaa akkasumas mana hidhaatti guuraa jiraachuu ONM jiraattota irraa odeeffateera.
Akka eeruun jiraattota irraa nu qaqqabetti magaalaa Bulee Horaa fi baadiyyaa gandoota aanichaa cufa keessaa torbee kana keessa qofa namootni nagaan 200 ol’ ta’an, sababa Oromummaa isaanii qofaaf yakkamuun mana hidhaatti darbatamanii hiraarfamaa jiraachuu dubbatu.
Namoonni hidhaman kunneen badii qabataniif osoo hin taane magaalaa Bulee Horaa keessatti ajjeechaan waraanaa fi kaabinoota keenya irratti raawwatamaa jira, kana ammoo uummata as keessaatu qindeessaa jira jechuun namoota nagaa mana hidhaatti guuranii jiraachuu fi magaalichi raafama keessa jiraachuu itti dabaluun himaniiru.
