Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Gujii Lixaa bulchiinsa magaalaa Bulee Horaa keessatti lukkeeleen PP konkolaachistootaa fi hawaasa irratti saamicha raawwachuu hammeessan 

ONM-ABO Caamsaa 16, 2025 

Gujii Lixaa magaalaa Bulee Horaa keessatti ergamtoonni Bilxiginnaa torban darbe irraa eegalanii maqaa deggersa ijaarsa dirree kubbaa miillaa jedhuun konkolaachistoota Baajaajii magaalichaa irraa dirqamaan qarshii 500 guuraa jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.

Kana malees, guutummaa aanaalee godinichaa keessatti jaleewwan Bilxiginnaa kunneen deggersa gosa garaa garaa dhaabbata gargaarsaa irraa yeroo yeroon hawaasa harka qalleeyyiif kennamu; “kaffaltii buusaa gonofaa yoo kaffaltan malee isiniif hin kennamu” jechuun seeraan ala nama tokko irraa qarshii 500-3,000’tti gaafachaa jiraachuu maddeen itti dabaluun Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf eeranii jiru.

Exit mobile version