ONM-ABO Caamsaa 16, 2025
Gujii Lixaa magaalaa Bulee Horaa keessatti ergamtoonni Bilxiginnaa torban darbe irraa eegalanii maqaa deggersa ijaarsa dirree kubbaa miillaa jedhuun konkolaachistoota Baajaajii magaalichaa irraa dirqamaan qarshii 500 guuraa jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.
Kana malees, guutummaa aanaalee godinichaa keessatti jaleewwan Bilxiginnaa kunneen deggersa gosa garaa garaa dhaabbata gargaarsaa irraa yeroo yeroon hawaasa harka qalleeyyiif kennamu; “kaffaltii buusaa gonofaa yoo kaffaltan malee isiniif hin kennamu” jechuun seeraan ala nama tokko irraa qarshii 500-3,000’tti gaafachaa jiraachuu maddeen itti dabaluun Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf eeranii jiru.



