ONM-ABO Adoolessa 12, 2025
Aanaa Mattuu bakka addaa Gandoosee jedhamu irraa misooma qonnaa waldaa Araaraa keessaa waardiyyoota kan ta’an namootni maqaan isaanii:
- Damee fi
- Abdii
jedhaman torban tokko dura bakka hojii isaanii irraa badii tokko malee loltoota Bilxiginnaan ukkaamfamanii waajjira poolisii aanichaatti hiraarfamaa jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himan.
Hojjettoonni eegumsaa kunneen, misooma qonnaa waldichaa keessaa hojii eegumsaa irratti bobba’anii kan jiraatan malee, hirmaannaa dhaaba siyaasaa kam keessaa kan hin qabnee fi loltoonni Bilxiginnaa immoo “hidhata Waraana Bilisummaa Oromoo qabdu; kanaaf qawwee itti geessitan jechuun yakkuun, kana malees isintu Waraana Bilisummaa Oromoo nutti fide” jechuun mana hidhaatti dararaa kan jiran ta’uun baramee jira.
Akkuma aanichaatti, leellistoonni Bilxiginnaa “Waraana Bilisummaa Oromootu nutti seene” jechuun abdii kutannaa fi raafama cimaa keessa galanii waan jiraniif, sabboontota ilmaan Oromoo jumlaan ukkaamsuun gara mana hidhaatti guuraa jiraachuu ONM odeeffatee jira.

