• Fri. Mar 13th, 2026

Godina Iluu Abbaa Booraa Aanaa Mattuutti jaleewwan Bilxiginnaa hojjettoota eegumsa misooma qonnaa Waldaa Araaraa irraa hojjetan 2 ukkaamsuun hidhaatti darbatan

Jul 12, 2025

ONM-ABO Adoolessa 12, 2025 

Aanaa Mattuu bakka addaa Gandoosee jedhamu irraa misooma qonnaa waldaa Araaraa keessaa waardiyyoota kan ta’an namootni maqaan isaanii: 

  1. Damee fi 
  2. Abdii 

jedhaman torban tokko dura bakka hojii isaanii irraa badii tokko malee loltoota Bilxiginnaan ukkaamfamanii waajjira poolisii aanichaatti hiraarfamaa jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himan.

Hojjettoonni eegumsaa kunneen, misooma qonnaa waldichaa keessaa hojii eegumsaa irratti bobba’anii kan jiraatan malee, hirmaannaa dhaaba siyaasaa kam keessaa kan hin qabnee fi loltoonni Bilxiginnaa immoo “hidhata Waraana Bilisummaa Oromoo qabdu; kanaaf qawwee itti geessitan jechuun yakkuun, kana malees isintu Waraana Bilisummaa Oromoo nutti fide” jechuun mana hidhaatti dararaa kan jiran ta’uun baramee jira.

Akkuma aanichaatti, leellistoonni Bilxiginnaa “Waraana Bilisummaa Oromootu nutti seene” jechuun abdii kutannaa fi raafama cimaa keessa galanii waan jiraniif, sabboontota ilmaan Oromoo jumlaan ukkaamsuun gara mana hidhaatti guuraa jiraachuu ONM odeeffatee jira.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading