ONM-ABO Adoolessa 12, 2025
Magaalaa Amboo keessatti ji’oota jaha dura lafa barsiisota magaalichaa fi naannoo ishee jiraniif ni kennama jedhamee eegamaa ture, kaabinoonni Bilxiginnaa magaalichaa gargar qooddachuu barsiisonni magaalichaa dubbisne Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf eeranii jiru.
Akka barsiisonni magaalichaa himanitti, ji’oota jaha dura, “lafti mana jireenyaa isiniif kennamaa maallaqa qusannoof ta’u” jedhanii qarshii 16,000 nurraa guuran. Itti dabaluun immoo, ”gatii Liizii” jechuun qarshii 10,175 nurraa guuran. Maqaa buusaa gonofaatiinis, qarshii 200 nurraa fuudhatan. Osoodhuma nuuf kennama jennee eegnuu har’a geenye. Nuuf kennamuu mitii, waa’ee isaa lafaa kaasuun illee sadarkaa itti barsiisota adamsiisuun miidhaa ulfaataa irraan gahaa jiraachuutti ga’aa jira” jechuun dubbatu.
Adoolessa 10, 2025 barsiisonni magaalichaa” lafa nuuf kennaa” jedhanii yoo gaafatan, Kaabinoonni Bilxiginnaa immoo, “amma lafa isiniif kennamu hin qabnu. Yoo argame bara dhufu ji’a Onkoloolessaa keessa fudhattu” jechuun sobanii gowwomsaan gadi dhiisuun baramee jira.
Qaala’insa jireenyaa fi manni kiraa jiraattota magaalichaa irratti garmalee dabaluun rakkoo hamaaf addatti saaxilamanii kan jiran hojjettoota mootummaa ta’uu fi labsiin lafti mana jireenyaa hojjettoota mootummaaf akka kennamu labsamee ture dhibbantaa tokkollee kan hojiirra hin oolle ta’uu gabaasni ONM argate ni addeessa.




