• Wed. Nov 25th, 2026

Caasaaleen Bilxiginnaa Godina Walloo Aanaa Harxummaa Furseetti hawaasni ooyruu isaa xaafii malee midhaan biroo akka hin qonne dhorkaa jiraachuun dhaga’ame 

Jul 12, 2025

ONM-ABO Adoolessa 12, 2025 

Godina Walloo aanaa Harxummaa Fursee gandoota aanicha keessatti argaman cufa keessatti hidhattootni sirnichaa wayita gannaa Adoolessa kanaan tokko tokkoon ooyruu namootaa irra deemanii “WBO’tu keessa taa’ee nu lola waan ta’eef xaafii malee midhaan biroo yoo facaaftan booda irra itti gaafatamaan matuma keessani “ittiin jechuun hawaasa waggaatti al tokko qofa midhaan alaa galfatu sanuu akka inni hin qotanne dhorkanii beelaaf saaxilaa jiraachuu odeessi jiraattota onichaa irraa Arraata Biyyoolessa Oromiyaa dhaqqabe ni addeessa. 

Akka jiraattotni kun jedhanitti, xaafii malee ooyruu hin qotinaa wayita nuun jedhan nutimmoo ooyruun keenya lafa midhaan waggoota dheeraadhaaf irraa galfamaa tureedha, xaafii yoo facaasne ofumaaf cal’isnee of dadhabsiisuu fi xaa’oodhuma balleessuu yoo ta’e malee lafti keenya xaafiif hin ta’u yeroo jennuun, gara jabeenyiin PP kun “yoo barbaade isaniif haa margu “yoo fedhemmoo haa dhiisu kun dhimma keenyaa miti, kan barbaannu midhaan biraan facaafamuu dhabuudha jedhanii uummata kanatti qoosaa akka turan dabaluun dubbataniiru.

Qonnaan bulaan ooyruu isaa irra waan barbaade facaafachuu mirga guutuu osoo qabuu, lukkeeleen Bilxiginnaa ammoo sodaa Waraana Bilisummaa Oromoof qaban irraa kan ka’e maqaa WBO’tu midhaan keessa riphee bulchitootaaf miseensota keenya fixa jedhuun hawaasni ooyruu isaa midhaan jilba darbu akka hin qotanne akeekkachiisaa jiraachuun himameera.

Leave a Reply