ONM-ABO Adoolessa 29, 2025
Ergamtootni Bilxiginnaa aanaa Boqojjii ganda Hulullee Kaaraa jedhamu keessatti maqaa ijaarsa manaa qabna jedhuun gandoota irratti hawaasa walitti qabanii naga’ee tokko malee qarshii 1200 kennaa jechuun hawaasa dirqisiisaa kan turan yoo ta’u, namoota maallaqa kana hin qabne mana hidhaatti guuraa jiraachuu jiraattonni Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf eeran.
Hawaasni aanichaa lafa qotee midhaan facaasuuf waan ittiin xaa’oo bitatu dhabee hedduu rakkataa kan turee fi waan qabus gurguree xaa’oodhaan bitee midhaan isaa facaafataa kan jiru ta’uu himuun, haala akkasii keessatti maallaqa gaafachuun uummata ganna kanaan waa ofi harkaa hin qabne dararaa jiraachuu jiraattotni kunneen dabaluun himan
Sirni rakkinni kallattii hundaan isa mudate Bilxiginnaan kufaatii isaa kana irraa dandammachuuf jecha guyyuu malaa fi tooftaa garaa garaa baasuun kaffaltii waliin isaa hin beekamneen uummaticha dararaa jiraachuun ni beekama

