• Mon. Jan 12th, 2026

Murni Bilxiginnaa maqaa ijaarsa mana gandaa jedhuun Arsii Bahaa Aanaa Boqojjii keessaa maallaqa humnaa olii uummata irraa guuraa jiru

Jul 29, 2025

ONM-ABO Adoolessa 29, 2025 

Ergamtootni Bilxiginnaa aanaa Boqojjii ganda Hulullee Kaaraa jedhamu keessatti maqaa ijaarsa manaa qabna jedhuun gandoota irratti hawaasa walitti qabanii naga’ee tokko malee qarshii 1200 kennaa jechuun hawaasa dirqisiisaa kan turan yoo ta’u, namoota maallaqa kana hin qabne mana hidhaatti guuraa jiraachuu jiraattonni Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf eeran.

Hawaasni aanichaa lafa qotee midhaan facaasuuf waan ittiin xaa’oo bitatu dhabee hedduu rakkataa kan turee fi waan qabus gurguree xaa’oodhaan bitee midhaan isaa facaafataa kan jiru ta’uu himuun, haala akkasii keessatti maallaqa gaafachuun uummata ganna kanaan waa ofi harkaa hin qabne dararaa jiraachuu jiraattotni kunneen dabaluun himan

Sirni rakkinni kallattii hundaan isa mudate Bilxiginnaan kufaatii isaa kana irraa dandammachuuf jecha guyyuu malaa fi tooftaa garaa garaa baasuun kaffaltii waliin isaa hin beekamneen uummaticha dararaa jiraachuun ni beekama 

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading