ONM-ABO Adoolessa 29, 2025
Baha Wallaggaa aanaa Sibuu Siree irraa jiraataan ONM af-gaaffii waliin taasise yaada isaa akka ibsutti gandoota akka Hagaloo Tuulamii, Baaroo Xixxiixaa, Koomee Baaroo fi Bujuuraa keessatti rakkoo hammaataan loltoota murna Bilxiginnaa quubsuma isaanii bulchiinsa aanichaa fi gandoota baadiyyaa irra taasifatanii jiraniin jiraattotni rakkoo dhandhamaa jiraachuu turtii taasiseen dubbata.
Akka jiraataan kun jedhutti gandoota armaan olitti eeraman keessatti buqqaatiin loltoota maafiyaa PP’n jiraattota irratti raawwatamaa jiraachuu kan himu yoo ta’u, sodaachisa, hidhaa, dararrii fi ajjeechaan dhaloota ol-ademoo egeree biyyaa ta’an irratti adeemsifamaa jiru abdii kan isaan kutachiisaa jiruu fi gochawwan seer-maleessa gudeeddii dabalatee miidhaan qaamaa hedduun akka jiru dabaluun hima.
Keessattuu taateewwan farra namoomaa torbanoota kana keessa aanicha keessatti raawwachaa jiru abbootiiin warraa ilmaan isaanii qabatanii lafaa fi qabeenya isaanii gad-lakkisanii akka buqqa’aaniif loltoonni sirnichaa ajaja irratti dabarsanii kan jiran oggaa ta’u, maatii hedduun bakka itti godaanan dhabanii daa’imman xixiqqoo qabatanii gidiraa hamaa argaa jiru.
Gochi kun onichaatti daran jabaatee jira kan jedhu jiraataan kun, loltoonni faashistii PP kunneen daa’imman hamaa fi gaarii adda baasanii hin beeknes yakkee haadha irraa ukkaamsee dhabamsiisuu fi kanneen ajjeesanis maatiin akka hin awwaallaneef dhorkee soora allaattii taasisaa jira jechuunis miira gaddaan guutameen yaada isaa nuuf qoodeera.



