ONM-ABO Adoolessa 29, 2025
Waraanni impaayerattii bakkeewwan bobbaafaman maratti gochawwan suukkanneessaa uummata nagaa mana hidhatti naquun hiraarsuu fi dhiiga qulqulluu dhangalaasuu itti fufuun, godina Lixa Wallaggaa aanaa Mana Sibuu ganda Caalaa Daabbus keessatti waraanni Impaayerattii Adoolessa 27, 2025:
- dargaggoo maqaan isaa Gammadaa Dhufeeraa jedhamu badii tokko malee mana Amantaa keessaa gadi baasuun ajjeesanii gatuu fi
- dargaggoo maqaan isaa Jaabir Qajeelaa jedhamu ammoo reebicha ulfaataa qaama laallessu irraan gahuun mooraa waraana isaanii keessatti hidhanii hiraarsaa jiraachuu maddeen ONM’tti himan.
Dargaggoonni kunneen hirmannaa dhaaba siyaasaa kam keessaayyuu qooda kan hin qabnee fi hawaasa isaanii keessatti fakkeenyummaa gaarii kan qaban yoo ta’u, waraanni impaayerattii garuu “isin deggartoota WBO’ti” ittiin jechuun dargaggoo Gammadaa ajjeesuun, dargaggoo Jaabiriin ammoo garmalee reebanii yeroo ammaa du’aa fi jireenya gidduu akka jiru maddeen dubbatu.
Aanaa Mana Sibuu keessatti akka walii galaatti dhiittaan mirga namoomaa waraana impaayerattiin uummata nagaa irratti raawwachaa jiru kan duraan barameen olitti yaaddeessaa ta’uu uummanni aanichaa roorroo fi gidiraa hamtuuf saaxilamee jiraachuu maddeen dabaluun Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.

