ONM-ABO Adoolessa 30, 2025
Hiriira mormii daballii gatii boba’aa magaalaa guddoo Angoolaa keessatti geggeeffameen yoo xiqqaate namoonni afur ajjeefamuu fi dhibbaan lakkaa’aman to’annoo jala ooluu poolisiin beeksiseera.
Mormiin kun kan ka’e Wiixata dheengaddaa yoo ta’u, mootummaan jalqaba baatii kanaa gatii boba’aa dhibbeentaa 30n akka ol kaasu murteessuu isaatiini. Kunis lammiilee Angoolaa hedduudhaaf geejjiba barbaachisaa ta’e kanneen akka taaksii fi minibaasota irratti gatiin akka dabalu taasisee jira.
Naannoo giddugala Luwanda Kaazengaa keessatti dhukaasni dhaga’amuu fi namoonni nyaataa fi meeshaalee biroo duukkana irraa yeroo fudhatan mul’ataniiru.
Suuraaleen miidiyaa hawaasaa naannoo magaalaa Rochaa Piintoo naannoo buufata xiyyaaraa, akkasumas naannoo Pireendaa keessatti walitti bu’iinsi uumame agarsiisa.
Geejjibni magaalaa Luwaandaa addaan citee kan ture yoo ta’u, kaleessa manneen daldalaa cufamaniiru jechuun Al jazeeraan gabaaseera.
Poolisiin ibsa Kibxata kaleessaa baaseen jeequmsa, manca’iinsaa fi saamicha dukkanaan waliin walqabateen namoota dhibbaan lakkaa’aman to’annoo jala oolchuu ibseera. Konkolaattotaa, baajaajiin miidhamuu fi daandiin cufamuun gabaafameera.

