• Wed. Mar 18th, 2026

Mormii daballii gatii boba’aa Angoolaa keessatti gaggeeffameen namoonni afur ajjeefamuun kanneen dhibbaan lakkaa’aman to’annoo jala oolan

Jul 30, 2025

ONM-ABO Adoolessa 30, 2025 

Hiriira mormii daballii gatii boba’aa magaalaa guddoo Angoolaa keessatti geggeeffameen yoo xiqqaate namoonni afur ajjeefamuu fi dhibbaan lakkaa’aman to’annoo jala ooluu poolisiin beeksiseera.

Mormiin kun kan ka’e Wiixata dheengaddaa yoo ta’u,  mootummaan jalqaba baatii kanaa gatii boba’aa dhibbeentaa 30n akka ol kaasu murteessuu isaatiini. Kunis lammiilee Angoolaa hedduudhaaf geejjiba barbaachisaa ta’e kanneen akka taaksii fi minibaasota irratti gatiin akka dabalu taasisee jira.

Naannoo giddugala Luwanda Kaazengaa keessatti dhukaasni dhaga’amuu fi namoonni nyaataa fi meeshaalee biroo duukkana irraa yeroo fudhatan mul’ataniiru.

Suuraaleen miidiyaa hawaasaa naannoo magaalaa Rochaa Piintoo naannoo buufata xiyyaaraa, akkasumas naannoo Pireendaa keessatti walitti bu’iinsi uumame agarsiisa.

Geejjibni magaalaa Luwaandaa addaan citee kan ture yoo ta’u, kaleessa  manneen daldalaa cufamaniiru jechuun Al jazeeraan gabaaseera.

Poolisiin ibsa Kibxata kaleessaa baaseen jeequmsa, manca’iinsaa fi saamicha dukkanaan waliin walqabateen namoota dhibbaan lakkaa’aman to’annoo jala oolchuu ibseera. Konkolaattotaa, baajaajiin miidhamuu fi daandiin cufamuun gabaafameera.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading