Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Mormii daballii gatii boba’aa Angoolaa irratti yoo xiqqaate namoonni 22 du’uu aanga’oonni himan

ONM-ABO Adoolessa 31, 2025 

Torban kana Angoolaatti mormii daballii gatii boba’aa mormuun hookkara ka’een yoo xiqqaate namoonni 22 yoo du’an, 197 ammoo madaa’uu mootummaan Angoolaa beeksise

Jeequmsi kun kan ka’e Wiixata dheengaddaa waldaaleen taaksii minibaasii murtee mootummaan gatii boba’aa harka sadii keessaa tokko dabaluuf murteesse mormuun guyyoota sadiif hojii kan dhaaban yoo ta’u, kunis qaama tattaaffii deggarsa baasii guddaa baasu to’achuu fi faayinaansii mootummaa jabeessuuf taasifamuu jedha mootummaan Angoolaa gama isaan.

Saamichi, manca’iinsaa fi walitti bu’iinsi poolisii waliin uumame magaalaa guddoo biyyattii Luwaandaa keessatti kan eegale yoo ta’u, achiis bulchiinsa naannoolee biroo ja’atti babal’ate.

Wiixataa fi Kibxata darbe namoonni dukkana saamuun poolisii waliin walitti bu’uu isaaniitiin dhukaasni qawwee yeroo tokko tokko guutuu Luwaandaa fi magaalota biroo hedduu keessatti dhaga’ameera.

Kaabineen prezidaant Yowoo Lowurenkoo Roobii walga’ee haala nageenyaa fi deebii poolisii irratti odeeffannoo haaraa argateera.

Ibsi waajjirri preezdaantii baaseen lubbuun namoota 22 darbuu, namoonni 197 madaa’uu, namoota 1,214 ammoo hidhamuu ibseera. Manneen daldalaa 66 fi konkolaattonni 25 manca’aniiru, dukkaanotni gurguddoo fi manneen kuusaa tokko tokkos saamamuu isaanii ibsichi ni mul’isa.

Ministirri Biyya Keessaa Maanu’eel Hoom gaazexeessitootaaf akka himanitti, namoota 22 ajjeefaman keessa poolisiin tokko akka jiru himaniiru jechuun Al jazeeraan gabaaseera.

Exit mobile version