ONM-ABO Hagayya 5, 2025
Godina Horroo Guduruu Wallaggaa aanaa Abaaboo Guduruu magaalaa Daduu keessatti maqaa ilmaan keessantu miseensa waraana bilisummaa Oromooti jedhuun maatii qabsaa’otaa hidhaatti guuruu hammeessan.
Aanicha magaalaa Daduu keessatti namoota nagaa maqaan isaanii:
- Obbo Biraanuu Taaddasaa,
- Obboo Dassaalee Ayyaanaa fi
kanneen biroo hedduu ta’an ukkaamsuun maqaa maatii qabsaa’otaati jedhuun hidhanii dararaa jiraachuu fi hanga ilmaan keessan galanitti hidhaa irraa hin hiikamtan jechuun itti dhaadachaa jiraachuun ifoomeera.
Hidhattootni impaayerattii aadaa fi safuu hawaasichaa hin kabajne qe’ee abbaan warraa irraa hidhamee jirutti roorrisuun abbootii manaa qabanii hidhaatti galchan kanneen haadha warraa isaanii jalaa fuudhuu fi gariin ammoo gudeeddaa irratti raawwachaa jiru.
Magaalicha keessatti haawwan abbootiin manaa isaanii irraa hidhaman malees shamarran heerumanii bultii hin qabne kanneen mana maatii isaanii jiran irrattis gochi dirqisiisanii gudeeduu kun baay’inaan mul’achaa jiraachuu jiraattonni cimsanii dubbataniiru
Akka jiraattonni magaalichaa jedhanitti hidhattoonni kunneen humnaa fi qawwee harkaa qabanitti dhimma bahuun badii tokko malee maatii fi qe’ee irraa kan qabamnee hidhamnu caalaa gochi fokkisaan mirgaa fi aadaa keenya cabsu maatii keenya irratti raawwatamaa jira jechuun miira gaddaa fi ariitiin dubbatu.
Tibbana gareen kufaatii siyaasaa fi dinagdee keessatti argamu Bilxiginnaa, nageenya uummataa afaan qawween mancaasee hidhaa fi ajjechaa akka furmaataatti dhimma itti bahuun, namoota nagaa ukkaamsuun hidhuu fi bakkeewwan adda addaatti ajjeesuu itti fufee jiru yoo ta’u, aanaaleen godinichaa yeroo garaagaraatti qaamolee hidhatanii socho’an kanneen murni Bilxiginnaa hidhachiisee bobbaaseen, keessattuu hidhattoota finxaaleyyii Amaaraa maqaa Faannoo jedhamuun of waamaniin uummata Oromoo godinichaa irratti gochi gara jabeenyaa guddaan raawwachaa jiraachuun ni beekama.

