Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Baha Shaggar Aanaa Dugdaa keessatti waraanni faashistii PP dargaggoota 3 irratti sarbamiinsa mirga namoomaa raawwachuun himame

ONM-ABO Fulbaana 5, 2025 

Baha Shaggar aanaa Dugdaa ganda Waldaa Qal’inaa keessaa gara jabeeyyiin loltoota Bilxiginnaa Fulbaana 1, 2025 dargaggoota maqaan isaanii: 

  1. Guutaa Fittaalaa fi 
  2. Mahaammad Jamaal 

jedhaman badii tokko malee daandii irraa qabuun nama tokko harka isaa irra, tokko ammoo cinaacha isaa irra cuupheedhaan waraananii madeessuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.

Kana malees guyyaadhuma kana aanichuma ganda Daraaraa Daalachaa keessaa ammoo loltootni PP kunneen dargaggoo maqaan isaa Fareessaa Fittaalaa jedhamu sababa tokko malee rasaasaan mataa isaa irra madeessuun yeroo ammaa kana du’aa fi jireenya gidduu jiraachuu maddeen itti dabaluun Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf eeranii jiru.

Maddeen akka himanitti, dargaggoonni kunneen siyaasa kam irraa bilisa ta’uu fi “daandii kana irra maaltu darbe?” jedhanii ergamtoonni sirnichaa kunneen oggaa gaafatan, “nuti homaa tokko illee hin agarree” ittiin jennaan yakkoota gara jabinaa kanneen irratti raawwachuu dubbatu.

Sodaa gooticha Waraana Bilisummaa Oromoof jecha raafama hamaa keessa galanii waan qabanii gadi lakkisan dhabanii akka saree maraatuu oliif gadi fiiganii nama nagaa hunda ciniinaa kan oolan sirna dhableeyyiin waraana PP,  goleewwan Oromiyaa cufa keessatti haala kanaan dura amaleeffataniin olitti ilmaan Oromoo hunda sobaan yakkuun gocha garaa garaa irratti raawwachaa kan jiran ta’uun ni beekama.

Exit mobile version