Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Arsii Bahaa Aanaa Boqojjii fi Honqooloo Waabee keessatti murni Bilxiginnaa uummata nagaa dararuu hammeesse

ONM-ABO Fulbaana 8, 2025 

Murni Bilxiginnaa Arsii Bahaa aanaa Boqojjii ganda Tokkummaa jedhamu keessatti barattoonni osoo mana barnootaa deemanii hin galmaa’in dura baankii dhaqanii sirnichaaf maallaqa kaffalanii nagahee qabatanii dhufuu qabu jechuun barattoota dararaa kan jiran yoo ta’u, mana barnootaa Gaalamaa jedhamu irraa Barattoonni hedduun maatii qotee bultootaa fi harka qalleeyyii waan ta’aniif waan kaffalan dhabanii osoo mana barnootaa dhaqanii hin galmaa’in mana isaanii keessatti hafaa jiraachuu fi deemnee hojii humnaa barbaadannee hojjenna malee nuti mallaqa kaffallee barannu hin qabnu jechuun barumsa irraa abdii kutachaa jiraachuu jiraattonni Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

Irra hedduun barattoota maatii qotee bultootaa waan ta’aniif yeroo ammaa kanatti maatiin isaaniif maallaqa kennuu mitii oomisha qabu facaafatee of harkaa fixuun maatii jiraachisuuf rakkoo hedduu keessa kan jiru yoo ta’u, haala kanaan osoo jireenya hawaasichaa beekanii maallaqa nurraa barbaaduun sirna kanaa akka nuti dhaloota keenya hin barsiifanne gochuudhaaf malee maallaqa nurraa argachuuf miti jedhu jiraattonni.

Yeroo itti Oromiyaa keessatti barattootni barnoota olaanaaf darban %3.5 qofa ta’uu caffeen Bilxiginnaa gabaasa dhiyaateef irratti kaasee gaafatutti, kallattii sana ittiin fooyyessan irratti hojjechuu dhiisanii akkaata itti barattootni barnoota irraa deebi’anii fi kufan baasanii hojjechaa jiru.

Kana malees sirni saamuu fi uummatatti roorrisuun amala itti ta’e Arsiidhuma Bahaa aanaa Honqooloo Waabee ganda Limmuu Lamaanii jedhamu keessatti lafa duraan Waldaa Dargaggootaa ture dhowwatanii jalaa gurguratanii dantaa ofiitiif oolfataa kan jiran ta’uu jiraattonni Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii.

Lafti kun duraan iddoo hawaasni fardaan yeroo birraa itti garmaamuun taphatu kan ture, sirnumti kun dargaggootaaf laatee amma immoo kaabinoonni aanaa fi caasaan gandaa waliin ta’uun dargaggoota sana irraa ari’anii ofii isaaniitii gurgurachaa kan jiran yoo ta’u, nama naannoo sanatti dhiyaateen maal barbaaddu jechuun uummata rifachiisuun, dargaggootni kunneenis sodaatanii maaliif nurraa fudhattanis osoo hin jedhin itti dhiisanii jiru jechuun jiraattonni dabalataan ifoomsaniiru.

Exit mobile version