ONM-ABO Fulbaana 8, 2025
Uummanni Oromoo sodaachisa bulchiinsa koloneel Abiy Ahimed jalatti rakkoowwan ulfaatoo keessummeessaa kan jiru oggaa ta’u, murna rakkoo sabaa furuuf hundee irraa fedhii hin qabne kanaan maqaa ilaalcha paartii keenyaan ala sochootu jedhuun hidhaa qabee hanga ajjeechaatti rakkoon irra ga’aa jira.
Haaluma kanaanis godina Lixa Wallaggaa aanaalee akka Begii, Qondaala, Baabboo Gambeel, Jaarsoo, Najjoo, Lataa Sibuu, Qilxuu Kaarraa fi Mana Sibuu dabalatee hidhamtootni siyaasaa aanaalee kaan keessatti argaman hidhaa irraa baafamuuf qarshii gurguddaa gaafatamaa kan jiran oggaa ta’u, manneen hidhaa keessatti maallaqa gaafataman kaffaluu dadhabuu irraan kan ka’e dhukkubootaa fi dhiphina xiin-sammuun hubamaa jiraachuun ibsameera.
Keessattuu kabaja ayyaana bara haarawaa impaayerattii ilaalchisee gariin hidhamtoota hiikamaa kan jiran ta’us, irra jireessaan hidhamtoota siyaasaa garuu maqaa loojistikii Waraana Bilisummaa Oromooti jedhuun hidhaan dararamaa akka jiran ibsameera.

