• Mon. Jan 12th, 2026

Godina Lixa Wallaggaa aanaalee garaa garaatti hidhamtootni siyaasaa rakkoo ulfaataaf saaxilamaa jiraachuun ibsame

Sep 8, 2025

ONM-ABO Fulbaana 8, 2025 

Uummanni Oromoo sodaachisa bulchiinsa koloneel Abiy Ahimed jalatti rakkoowwan ulfaatoo keessummeessaa kan jiru oggaa ta’u, murna rakkoo sabaa furuuf hundee irraa fedhii hin qabne kanaan maqaa ilaalcha paartii keenyaan ala sochootu jedhuun hidhaa qabee hanga ajjeechaatti rakkoon irra ga’aa jira.

Haaluma kanaanis godina Lixa Wallaggaa aanaalee akka Begii, Qondaala, Baabboo Gambeel, Jaarsoo, Najjoo, Lataa Sibuu, Qilxuu Kaarraa fi Mana Sibuu dabalatee hidhamtootni siyaasaa aanaalee kaan keessatti argaman hidhaa irraa baafamuuf qarshii gurguddaa gaafatamaa kan jiran oggaa ta’u, manneen hidhaa keessatti maallaqa gaafataman kaffaluu dadhabuu irraan kan ka’e dhukkubootaa fi dhiphina xiin-sammuun hubamaa jiraachuun ibsameera.

Keessattuu kabaja ayyaana bara haarawaa impaayerattii ilaalchisee gariin hidhamtoota  hiikamaa kan jiran ta’us, irra jireessaan hidhamtoota siyaasaa garuu maqaa loojistikii Waraana Bilisummaa Oromooti jedhuun hidhaan dararamaa akka jiran ibsameera.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading