Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Walloo Aanaa Harxummaa Fursee keessatti milishoonni sirnichaa shamarree tokko ukkaamsanii bakka buutee dhabamsiisuun himame 

ONM-ABO Fulbaana 20, 2025 

Kaaba Oromiyaa godina Walloo aanaa Harxummaa Fursee magaalaa Qiciicootti Fulbaana 18, 2025 milishoonni murna Bilxiginnaa dhalattuu aanichaa ganda Boruu Mukaa kan taate, jiraattuu magaalaa Qiciicoo maqaan ishee Haliimaa Mahaammad jedhamtu sobaan yakkanii maqaa” Waraana Bilisummaa Oromoo deggarta “jedhuun qabanii bakka buutee dhabamsiisanii jiraachuu maddeen himan.

Akka jiraattotni jedhanitti, maatiin shamarree kanaa nyaata fiduufiin wayita mana hidhaa deemanis intalti isaanii mana hidhaa sana akka hin seensifamin lukkeeleen Bilxiginnaa kan itti himan ta’uu fi milishoonni kunneenis yeroo ishee qaban guyyaa biroo mana hidhaa magaalaa Caffaa Roobit si geessina amma nu waliin teessa jedhanii mana milishaa PP tokkootti geeffachuun namoota dhoksaa turan. Shamarreen kun nama tuttuqaa garee siyaasaa kamiyyuu keessaa qooda hin qabne fi yakka dalagde kan hin qabne taatus nuti garuu amma lubbuun jiraachuun isheetuu garmalee nu yaaddessee rifaatuu guddaas nutti uumeera jechuun dabalanii dubbatu.

Dabalataan aanaa Harxummaa Fursee kana keessatti milishoonni sirnichaa maqaa sakattaa jedhuun seensa magaalaa irra dhaabbatanii namoota bittaa fi gurgurtaaf gabaa ba’an hawwanii fi shamarran dirqiin qabanii gudeeduu, qorannoo seeraa tokko malee hidhuu fi reebuun, akkasumas qarshii, bilbiloota harkaa fi mi’a isaan gabaa irraa bitatan mara irraa saamaa kan jiran yemmuu ta’u, sababa kanaanis guutummaa aanichaa keessatti hidhattoota sirnichaafuu jiraattotni onichaa akkaataa itti ba’anii galan dhabuun galgalaa fi ganama dararamaa jiraachuu maddeen itti dabaluun Arraata Biyyolessa Oromiyaatti himaniiru.

Exit mobile version