Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Horroo Guduruu Wallaggaa Aanaa Amuruutti hidhattootni finxaaleyyii Amaaraa uummata nagaa ajjeesuu fi saamuu hammeessanii jiraachuun dhaga’ame

ONM-ABO Sadaasa 2, 2025 

Godina Horroo Guduruu Wallaggaa Aanaa Amuruu ganda Siiddan keessatti hidhattootni finxaaleyyii Amaaraa faannoon Onkoloolessa 31, 2025 nama maqaan isaa Assabaa Abdoo jedhamu bakka inni loon tiksutti gocha suukaneessaa irratti rawwatanii ajjeesuun, loowwan isaa afur jalaa ooffatanii deemuu jiraattotni gandichaa Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru. 

Akka jiraattotni gandichaa Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanitti, hidhattotni finxaaleyyii faannoo irra deddeebbiin ilmaan keenya ajjeesuun qabeenya keenya yoo saamuu Waraanni PP birmannaa tokkoyyuu nuf godhee hin beeku. Waraanni PP’s yoo nutti bobbaafamu nu dhiisaa hin jiru, maqaa garaagaraa nutti moggaasuun yakkaa barbaade nurratti dalaga, uummanni keenya qe’ee fi qabeenya isaa irratti roorroo fi gidiraa hamtuu keessummeessaa jira jechuun miira gaddaan dubbatu.

Hidhattotni finxaaleyyii Amaaraa maqaa faannoon socho’an kun Oromiyaa bakkoota garaagaraa keessatti murna Bilxiginnaan hidhachiifamuun shira PP’n guutamanii ilmaan Oromoo irratti irra deddeebbiin duguuggaa sanyii raawwachaa jiraachuutu mul’ata.

Finxaaleyyiin faannoo gargaarsa murna Bilxiginnaatiin Oromiyaa keessatti ijaaramuun irra deddeebbiin uummata nagaa jumlaan ajjeesuu qabeenya humnaa olii saamuu itti fufanii jiraachuun ni beekama.

Exit mobile version