Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Lixa Wallaggaa Aanaa Najjootti murni Bilxiginnaa maqaa investimantiin uummata buqqisuu jabeessanii jiraachuun ibsame 

ONM-ABO Amajjii 19, 2026 

Godina Lixa Wallaggaa aanaa Najjoo, ganda Guutee Diillaa, naannoo addaa Ka’iitii jedhamuun beekamutti, ji’a Amajjii kana keessa, lukkeeleen murna faashistii Bilxiginnaa maqaa invastimantii jedhuun uummata Oromoo hojiin isaanii qonna ta’e abbootii warraa kudhanii ol lafa isaanii irraa buqqisanii, albuuda saamaa jiraachuun himameera.

Akka odeeffannoon barsiisaa naannichaa tokko irraa argameetti, uummanni naannoo sanaa qonnaan bultoota jireenyi isaanii lafa irratti hirkate yemmuu ta’an, tarkaanfiin kun jireenya isaanii irratti miidhaa hamaa geessisaa jira jechuun ibseera. 

Jiraattonni akka jedhanitti, albuuda kana eeguuf:

Buqqaatiinsi maqaa invastimantii jedhuun raawwatamaa jiru kun, akka jiraattotni naannoo jedhanitti, seeraa fi waliigaltee uummataa malee kan gaggeeffame yoo ta’u, uummata sodaa, jeequmsa fi hanqina jireenyaa hamaa keessa galcheera.

Hanga ammaatti, qaamni PP dhimma buqqaatiinsaa fi saamicha albuudaa kanaan wal qabatee rakkoo hawaasaa uumamaa jiru irratti ibsa ifaa kennuu dhabuu isaas jiraattonni dabaluun dubbataniiru. 

Uummanni naannoo fi namoonni dhimma kana beekan, akka buqqa’iinsi dhaabbatu, albuudni seeraan alatti saamamaa jiru akka dhaabbatuu fi qabeenyi uummataa akka kabajamu dubbachaa jiru.

Exit mobile version