ONM-ABO Guraandhala 4, 2026
Godina Qellem Wallaggaa aanaa Haroo Sabbuu ganda Caammoo bakka addaa Soondii jedhamuun waamamtu keessatti gaafa Guraandhala 3, 2026 yakka raawwate osoo hin qabaanne maqaa “WBO’ deggerta”jedhuun dargaggoon tokko rasaasaan rukutamuu jiraattotni bakkicha rraa Arraatni Biyyoolessa Oromiyaa dubbise tokko tokko himan.
Akka jiraattonni jedhanitti, dargaggoon badii malee rasaasaan rukutame kun maqaan isaa Allaamuddiin Shifaa akka jedhamu eeruun, ol adeemaan kun hidhata dhaaba siyaasaa kamillee keessaa harka kan hin qabne ta’uu himuun, waraanni gara jabeeyyiin murna maafiyaa PP itti dhukaasuun harka isaa irra madeessanii jiraachuu dabaluun dubbatu.
Namni biroonillee rukutamee du’ee fi jiraan isaa addaan kan hin ba’iin jiru gandicha keessa jiraachuu kan himan jiraattonni, waraanni murna Bilxiginnaa yeroo hedduu irra deddeebiin aanichatti namoota nagaa adamsuun itti dhukaasanii ajjeesaa akka turan addeessaniiru.
Ergamtoonni impaayera Itoophiyaaf waardiyyaa ta’uun dhaabbatan, akka waan duuti ilmaan Oromoo ce’umsa aangoo isaaniif ta’utti qe’ee saba guddaa weeraruun, ilmaan sabichaas yakka malee akka bineensaatti adamsuun guyyuu ajjeesuu daran jabeessanii itti fufanii jiraachuun ni beekama.

