ONM-ABO Bitootessa 12, 2026
Godina Booranaa aanaa Taltaallee magaalaa Miil-lammii jedhamutti ergamtoonni faashistii Bilxiginnaa Bitootessa 8, 2026 namoota peestaalii harkaa qaban adamsuun hidhaatti darbatanii dararuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himan.
Karoora kufaa fi jireenya hawaasaa waliin wal hin simne gadi buusuun yakkanii hiraarsaa ulfaataa kan geggeessan jaleewwan Bilxiginnaa namoota maqaan isaanii:
- Makoo Waaqoo,
- Gamoo Guyyoo,
- Tamee Taayyee,
- Goobuu Booruu,
- Takiluu Shaanqoo,
- Barakat Taaddasaa fi
kanneen biroo maqaan isaanii hin dhahamin hafe 5 ta’an hidhaatti darbachuun eeramee jira.
Akka maddeen himanitti, ergamtoonni sirnichaa maqaa “yakka dhabamsiisa balfaa” jedhuun yakkuun mana murtiitti dhaddacha dhaabuun gaafa Bitootessa 9, 2026 murtii ariifachiisaa fudhachuun qarshii 2,000-2,000 tokko tokkoo isaanii adabanii gadi dhiisuu dubbatu.
Ergamtoonni maafiyaa PP guyyaa guyyaan wixinee haaraa hawaasa ittiin gidirsan baafachuun hiraarsaa hammeessanii kan jiran ta’uun, impaayerattii keessatti maqaa “kooridarii fi babal’ina magaalaa” jedhuun pestaalii fayyadamuu hawaasa dhorkuun, afaaniin qulqul’ina magaalaa dubbachaa gama kaaniin immoo hawaasni akka magaalicha keessa hin jiraanneef Oromummaa qofaaf yakkuun akka baalaatti harcaasaa jiru.

