ONM-ABO Guraandhala 1, 2024
Godina Kibba Lixa Shaggar magaalaa guddicha godinichaa Walisoon dabalatee uggurri labsame aanaalee hedduu keessattis hojii irra oolaa jira.
Daandiin cufaadha, hoteelli hin jiru, midhaan bituu fi gurguruu hin jiru , baaburri midhaan daaku ,gabaa , dukkaanaa fi sochiileen barnootaa illee guutumaan guututti hojiirra oolaa jiru.
Magaalaa Wallisoo keessatti garuu darbee darbee sochiin konkolaataa ni mul’ata. Konkolaattota waraanaan geggeessuun ni mul’ata.
Bilxiginnaan raafama keessa galuun abdii kutachaa jirti. Loltoonni PP of jibbuunii fi bulchiinsi Abiy Ahimed akka dadhabaa jiru hubachuun jireenya isaaniif yaaddoo keessa galuun gungummii hamaa keessa jiru.

