Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Qellem Wallaggaa aanaa Anfilloo keessatti jiraattonni maqaa deggersa milishaa jedhuun saamamaa akka jiran ONM’tti himan

ONM-ABO Caamsaa 22, 2024

Dhaabni cubbuu guddaa saba Oromoo irratti taasisaa jiru bilxiginnaan, mooraa hammeenyaa dhiiga ilmaan Oromoo dhangalaasuuf ijaarame itichuuf jecha, ilmaan Oromoo guyyuu hiraarsuu itti fufuun, maqaa deggersa milishaa sirna PP jedhuun hawaasa dararuu hammeessuun barame. 

Bifuma kanaanis godina Qellem Wallaggaa aanaa Anfilloo bulchiinsa magaalaa Muggii fi Seertumii keessatti guyyoota gabaa waraanni fi milishonni sirnichaa daandiitti ba’uun, uffannaa milishaa ittiin binna  jechuun hawaasa irraa maallaqa torban torbaniin fuudhaa jiraachuu jiraattotni himan.

Akka bulchiinsota magaalota lameen kanaatti  ilmi dhiiraa guyyaa gabaa irra magaalaa yoo deeme qarshii 500 yoo kaffalu, dubartoonni ammoo qarshii 300 kaffalaa akka jiran beekameera.

Namni qarshii gaafatame kaffaluu hanqate ammoo  reebichi waraana sirnichaan irratti taasifamuun akka hidhamu himameera.

Exit mobile version