ONM-ABO Caamsaa 22, 2024
Dhaabni cubbuu guddaa saba Oromoo irratti taasisaa jiru bilxiginnaan, mooraa hammeenyaa dhiiga ilmaan Oromoo dhangalaasuuf ijaarame itichuuf jecha, ilmaan Oromoo guyyuu hiraarsuu itti fufuun, maqaa deggersa milishaa sirna PP jedhuun hawaasa dararuu hammeessuun barame.
Bifuma kanaanis godina Qellem Wallaggaa aanaa Anfilloo bulchiinsa magaalaa Muggii fi Seertumii keessatti guyyoota gabaa waraanni fi milishonni sirnichaa daandiitti ba’uun, uffannaa milishaa ittiin binna jechuun hawaasa irraa maallaqa torban torbaniin fuudhaa jiraachuu jiraattotni himan.
Akka bulchiinsota magaalota lameen kanaatti ilmi dhiiraa guyyaa gabaa irra magaalaa yoo deeme qarshii 500 yoo kaffalu, dubartoonni ammoo qarshii 300 kaffalaa akka jiran beekameera.
Namni qarshii gaafatame kaffaluu hanqate ammoo reebichi waraana sirnichaan irratti taasifamuun akka hidhamu himameera.

