ONM-ABO Adoolessa 28, 2024
Adoolessa 26, 2024 Arsii Bahaa aanaa Jajuu ganda Ceekaa jedhamu keessatti maqaa WBO waliin hidhata qabdu jedhuun namoota ja’a ragaa qabatamaa tokko malee mana isaanii keessaa baasuun reebicha hamaa erga irratti raawwataniin booda hidhanii jiraachuu jiraattonni gandichaa himan.
Namoonni maqaan isaanii nu qaqqabes:
- Aashaa Muusaa
- Abbaatuu Muusaa
- Abbaayee Naashaa fi
- Mu’aaz Nuuraa kanneen jedhamaniidha.
Kana malees waraanni bilxiginna kun maqaa ilmaan keessantu WBO keessa jira jedhuun Adoolessa 20, 2024 mana hidhaa keessatti maanguddoo tokko irratti reebicha hamaa raawwachuun haala yaaddeessaa keessa akka jirus dabaluun ibsaniiru.
Akkasumas gareen abbaa irree kun loltoota isaa hawaasa nagaa keessa bobbaasuun aanaa Martii ganda Hoombaa keessatti maanguddoo Magartuu Bajigaa jedhamtu ilma keetu WBO keessa jiraa galchi, yoo didde tarkaanfii WBO’n fudhatuuf qabeenya milishootaa irratti situ itti gaafatama jechuun doorsisaa turuus himaniiru.

