• Fri. Mar 13th, 2026

Godina Arsii Bahaa aanota garaa garaa keessatti hidhaa fi dararaan daangaa hin qabne geggeeffamaa jiraachuun beekame

Jul 31, 2024

ONM-ABO Adoolessa 28, 2024

Adoolessa 26, 2024 Arsii Bahaa aanaa Jajuu ganda Ceekaa jedhamu keessatti maqaa WBO waliin hidhata qabdu jedhuun namoota ja’a ragaa qabatamaa tokko malee mana isaanii keessaa baasuun reebicha hamaa erga irratti raawwataniin booda hidhanii jiraachuu jiraattonni gandichaa himan.

Namoonni maqaan isaanii nu qaqqabes:  

  1. Aashaa Muusaa
  2. Abbaatuu Muusaa
  3. Abbaayee Naashaa fi 
  4. Mu’aaz Nuuraa kanneen  jedhamaniidha.

Kana malees waraanni bilxiginna kun maqaa ilmaan keessantu WBO keessa jira jedhuun  Adoolessa 20, 2024 mana hidhaa keessatti maanguddoo tokko irratti reebicha hamaa raawwachuun haala yaaddeessaa keessa akka jirus dabaluun ibsaniiru. 

Akkasumas gareen abbaa irree kun loltoota isaa hawaasa nagaa keessa bobbaasuun aanaa Martii ganda Hoombaa keessatti maanguddoo Magartuu Bajigaa jedhamtu ilma keetu WBO keessa jiraa galchi, yoo didde tarkaanfii WBO’n fudhatuuf qabeenya milishootaa irratti situ itti gaafatama jechuun doorsisaa turuus himaniiru.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading