ONM-ABO Amajjii 15, 2025
Murni impaayera Itiyoophiyaa bulchaan jira jedhu Bilxiginnaan akkuma kanaan dura hawaasa saamaa ture ammas bifa adda ta’een saamicha kan jalqabe yoo ta’u maqaa gibira jedhuunis maallaqa humnaa olii jiraattota irraa guuraa jiru.
Hawaasa tikfatee bulaa Booranaa keessatti saamicha isaanii hammeessuun aanaa Dubluq ganda Gaalee Fallee keessatti hawaasa waanta tokko hin qabnee fi gargaarsaan jiraatu irraa maqaa gibiraan maallaqa irraa saamaa kan turan yoo ta’u, namoota waan kaffallu hin qabnu jedhan ammoo qabanii mana hidhaatti guuraa jiraachuun barameera.
Namoota hidhaatti darbataman keessaa muraasa kan maqaa arganne
1. Galma Taara Dullachaa,
2. Jaarsoo Alii Qancoorroo,
3. Xachee Goollichaa Qancoorroo,
4. Qottoo Liiban Boruu,
5. Qurii Diimaa Bonayyaa,
6. Dhibaa Dhaddacha Liiban,
7. Buttee Kanee Areeroo,
8. Qillee Galma Soraa,
9. Qancoorroo Guyyoo Waariyoo,
10. Kiyyaa Diida Waariyoo fi
11. Garbicha Diqqaa Diidaa Dabalatee
namoonnii hedduun mana hidhaa sirnichaa keessatti gidiraa argaa jiraachuu jiraattonni ONM’tti himan.
Uummata kana akka hidhaman kan godhe bulchaa ganda Gaalee maqaa caasaa haaraa jedhuun dhiyoo dhufe nama maqaan isaa Galgaloo Daalachaa jedhamu ta’uun eeramee jira.
Saamichii maqaa gibiraa jedhuun gandoota aanichaa kanneen akka:
- Qarsaa Dambii,
- Gooroo Daadaa,
- Dambalaa Qarsaa fi
- Gaalee Fallee keessatti cimee itti fufuu jiraattonni ibsaniiru.

