• Sun. Mar 15th, 2026

Godina Booranaa Aanaa Dubluq keessatti maqaa gibira jedhuun murni Bilxiginnaa hawaasa saamuu fi warra waan kaffalan dhaban hidhuu itti fufan

Jan 16, 2025

ONM-ABO Amajjii 15, 2025 

Murni impaayera Itiyoophiyaa bulchaan jira jedhu Bilxiginnaan akkuma kanaan dura hawaasa saamaa ture ammas bifa adda ta’een saamicha kan jalqabe yoo ta’u maqaa gibira jedhuunis maallaqa humnaa olii jiraattota irraa guuraa jiru.

Hawaasa tikfatee bulaa Booranaa keessatti saamicha isaanii hammeessuun aanaa Dubluq ganda Gaalee Fallee keessatti hawaasa waanta tokko hin qabnee fi gargaarsaan jiraatu irraa maqaa gibiraan maallaqa irraa saamaa kan turan yoo ta’u, namoota waan kaffallu hin qabnu jedhan ammoo qabanii mana hidhaatti guuraa jiraachuun barameera.

Namoota hidhaatti darbataman keessaa muraasa kan maqaa arganne 

1. Galma Taara Dullachaa,

2. Jaarsoo Alii Qancoorroo,

3. Xachee Goollichaa Qancoorroo,

4. Qottoo Liiban Boruu,

5. Qurii Diimaa Bonayyaa,

6. Dhibaa Dhaddacha Liiban,

7. Buttee Kanee Areeroo,

8. Qillee Galma Soraa,

9. Qancoorroo Guyyoo Waariyoo,

10. Kiyyaa Diida Waariyoo fi

11. Garbicha Diqqaa Diidaa Dabalatee 

namoonnii hedduun mana hidhaa sirnichaa keessatti gidiraa argaa jiraachuu jiraattonni ONM’tti himan. 

Uummata kana akka hidhaman kan godhe bulchaa ganda Gaalee maqaa caasaa haaraa jedhuun dhiyoo dhufe nama maqaan isaa Galgaloo Daalachaa jedhamu ta’uun eeramee jira.

Saamichii maqaa gibiraa jedhuun gandoota aanichaa kanneen akka:

  • Qarsaa Dambii,
  • Gooroo Daadaa,
  • Dambalaa Qarsaa fi
  • Gaalee Fallee keessatti cimee itti fufuu jiraattonni ibsaniiru.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading