ONM-ABO Amajjii 15, 2025
Goolessitoonni barcumaa fi aangoo nama dhuunfaa tiksuuf dhamaatu ergamtoonni PP maqaa kaffaltii adda addaatiin halkanii fi guyyaa uummata ofii isaatiifuu waan nyaatee bulu dhabee rakkachaa jiru burjaajessaa jiraachuun kan beekamuudha.
Gujii Lixaa aanaa Bulee Horaa ganda Kallacha Hachee keessatti maatii abbaa tokkootii fi haadha hiyyeessaa kan taate Aadde Badhaatuu Diidolee dabalatee maatii ishee nama saddeet mooraa waraana PP Haroo Baartaa keessatti baatii 5’f hidhanii erga turanii booda, maallaqa 270,000 gaafatanii haadhi kun qarshii kaffaltu dhabnaan Amajjii 13, 2025 qajeelcha Poolisii godinaatti akka hidhamaniif dabarsuu maddeen ONM’f eeran.
Kana malees akka godina Gujii Lixaatti balleessaa tokko malee maqaa siyaasaa uummanni quba hin qabne itti maxxansuun kanneen dararamaa jiran namootni maqaan isaanii Gaayoo Dambii, Galataa, Biqilaa fi namootni hedduun waggaa 2-3 badii tokko malee mana hidhaa godinichaa keessatti hidhamanii dararaa hamtuu argaa jiraachuu jiraattonni Arraata Biyyolessa Oromiyaatti himan.
Dabalataanis godinicha keessatti maqaa ijaarsa galma Abbaa Gadaa jedhuun uummata saamuuf jecha nama tokko irraa Buna Kiilogiraama 5-10 guuraa jiraachuu jiraattotni itti dabaluun ifoomsan.


