ONM-ABO Gurraandhala 26, 2025
Ergamtoonni Bilxiginnaa ilmaan Oromoo dararuu hojii idilee taasifachuun goleewwan Oromiyaa cufa keessatti bobba’an, maqaa isaan hin qabne itti maxxansuun lammiilee nagaa irratti yakkoota garaa garaa raawwachuu cimsanii itti fufanii jiru.
Aanaa Saasiggaa ganda Odaa jedhamu keessaa Gurraandhala 20, 2025 namoota maqaan isaanii; Dabalaa Taaddasee fi Kumsaa Jimaa jedhaman ergamtoonni sirnichaa badii tokko malee sobaan yakkanii ukkaamsuun waajjira poolisii aanaa Saasiggaatti hidhanii garmalee dararaa jiraachuu jiraataan gandichaa tokko Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himee jira.
Akka jiraataan kun himetti, namoonni kunneen siyaasa kam keessa kan hin jirre ta’uu himuun, ergamtoonni Bilxiginnaa ammoo sababa Oromummaa isaanii qofaaf yakkuun hidhaatti darbachuu dubbata.

