• Fri. Mar 13th, 2026

Godina Baha Wallaggaa Aanaa Saasiggaa keessatti hidhaan ergamtoota sirnichaan hawaasa nagaa irratti raawwatu jabaatee itti fufe

Feb 27, 2025

ONM-ABO Gurraandhala 26, 2025 

Ergamtoonni Bilxiginnaa ilmaan Oromoo dararuu hojii idilee taasifachuun goleewwan Oromiyaa cufa keessatti bobba’an, maqaa isaan hin qabne itti maxxansuun lammiilee nagaa irratti yakkoota garaa garaa raawwachuu cimsanii itti fufanii jiru.

Aanaa Saasiggaa ganda Odaa jedhamu keessaa Gurraandhala 20, 2025 namoota maqaan isaanii; Dabalaa Taaddasee fi Kumsaa Jimaa jedhaman ergamtoonni sirnichaa badii tokko malee sobaan yakkanii ukkaamsuun waajjira poolisii aanaa Saasiggaatti hidhanii garmalee dararaa jiraachuu jiraataan gandichaa tokko Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himee jira.

Akka jiraataan kun himetti, namoonni kunneen siyaasa kam keessa kan hin jirre ta’uu himuun, ergamtoonni Bilxiginnaa ammoo sababa Oromummaa isaanii qofaaf yakkuun hidhaatti darbachuu dubbata.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading