Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Maal jechuudha haa jennuu ?

Hayyee. Maal jechuudha haa jennuu ?


★ Ideology/Ilaalchi “Liberal Democracy” kun ilaalcha balaafamaa jibbiinsa Sabaa qabuudha. Akka sabaatti ijaaramuu, gurmaa’uu, falmachuu, jiraachuu, biyyoomuu, ….hin barbaadanu.
★ Sabni tokko biyya ofii (Nation State)akka ijaarrattu hin fedhanu. Fkn. Oromoon biyya isaa Oromiyaa akka ijaarratu hin barbaadanu.

★ Biyya saboonni/Ummanni walitti dhufee ijaarratu federeeshinii ykn Kon-federeeshinii keessattis, federaalizimiin Sabaa akka jiraatu hin fedhanu. Federaalizimiin Lafaa akka jiraatu fedhu.

★ Dimookiraasii nam-tokkeetti amanu. Namni tokko akka fedhee ta’ee ilaalcha fedhe saba irratti fe’uu danda’a jechuudha. Ofii jiraannaan kan sabaa isaan hin dhiphisu.
★ Sabboonummaan sirrii miti jedhu. Dhimmi afaanii, eenyummaa, aadaa, lafaa, seenaa,… isaan biratti akka doofummaatti ilaalama. Farra Sabboonummaati jechuudha.

★ Bilisummaa Sabaa tasa dhagahuu hin fedhani. Namni akka dhuunfaatti Dimookiraasii qabaannaan bilisummaan isuma jedhanii amanu.

▪︎ Dhumarratti, Ijaarumsaa fi Tokkummaa sabaa erga shira dhoksaa garagaraan diiganii booda jaarmiyaaleen maqaa Sabaan ijaaramuu hin qabu jedhanii gadi dhufuun maal akka ta’e gadi qabanii ilaaluun gaariidha.
🤏Ilaa Dammaqi sabaa !

@Caayaa Qeerroo

Exit mobile version