Hayyee. Maal jechuudha haa jennuu ?
- Ideology Leencoo Lataa
- Ideology Jawaar Siraaj Mohammed
- Ideology Abiy Ahmed Alii ………. +
★ Ideology/Ilaalchi “Liberal Democracy” kun ilaalcha balaafamaa jibbiinsa Sabaa qabuudha. Akka sabaatti ijaaramuu, gurmaa’uu, falmachuu, jiraachuu, biyyoomuu, ….hin barbaadanu.
★ Sabni tokko biyya ofii (Nation State)akka ijaarrattu hin fedhanu. Fkn. Oromoon biyya isaa Oromiyaa akka ijaarratu hin barbaadanu.
★ Biyya saboonni/Ummanni walitti dhufee ijaarratu federeeshinii ykn Kon-federeeshinii keessattis, federaalizimiin Sabaa akka jiraatu hin fedhanu. Federaalizimiin Lafaa akka jiraatu fedhu.
★ Dimookiraasii nam-tokkeetti amanu. Namni tokko akka fedhee ta’ee ilaalcha fedhe saba irratti fe’uu danda’a jechuudha. Ofii jiraannaan kan sabaa isaan hin dhiphisu.
★ Sabboonummaan sirrii miti jedhu. Dhimmi afaanii, eenyummaa, aadaa, lafaa, seenaa,… isaan biratti akka doofummaatti ilaalama. Farra Sabboonummaati jechuudha.
★ Bilisummaa Sabaa tasa dhagahuu hin fedhani. Namni akka dhuunfaatti Dimookiraasii qabaannaan bilisummaan isuma jedhanii amanu.
- Egaa kanan kana kaaseef Namni #_Moges_Zewdu_Teshome jedhamu kun yaada #_Farra_Sabboonummaa kana dhoksaa keessaa baasee dhoobe argeeni. Moges rakkoo sabummaa waan qabuuf yaada kana horate Yoon jechuu baadhes akka ilaalcha Obbo Leencoo fi Obbo Jawar gadi baasee dubbatettin tilmaama. Abiy Ahmed Alii Ideology/ilaalcha kana tarkaanfachiisaa jiraachuu gochaan argisiisaa kan jiru yoo ta’u, Obbo Jawar Mohammed fi Obbo Leencoo Lataan yeroo gargaraa miidiyaalee fi Waltajjiilee garagaraa irratti dubbatanii ibsataa turaniitu.
▪︎ Dhumarratti, Ijaarumsaa fi Tokkummaa sabaa erga shira dhoksaa garagaraan diiganii booda jaarmiyaaleen maqaa Sabaan ijaaramuu hin qabu jedhanii gadi dhufuun maal akka ta’e gadi qabanii ilaaluun gaariidha.
🤏Ilaa Dammaqi sabaa !
@Caayaa Qeerroo

