ONM-ABO Caamsaa 20, 2025
Lixa Harargee aanaa Shanan Dhuuggoo araddaa Haqaan jiraataa keessatti Caamsaa 17, 2025 irraa eegaluun loltoonni fi kaadironni murna faashistii PP maqaa kaffaltii gumaacha filannoo jedhu sababeeffachuun manneen jiraattotaa irra deemuun nama tokko irraa qarshii 500 dirqamaan saamaa jiraachuu maddeen ONM’tti himan.
Ganda Haqaan Jiraataa kana keessatti jiraattonni hundumtuu sababa saamicha waraana Bilxiginaa kanaan yeroo irraa gara yerootti kaffaltii gosa adda addaa naga’ee seeraa hin qabneen hiraarfamaa kan jiran yoo ta’u, namoota dirqiin saamaman keessaas kan maqaan nu ga’e:
- Mohaammad Aliyyii,
- Hassan Abdaallaa,
- Aliyyii Nuuree fi
- Abiraahiim Abdallaa
kanneen jedhaman yoo ta’an kan maqaan isaanii ammaaf adda hin ba’in hedduun jiraachuus maddeen dabaluun Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf eeraniiru.

