• Sat. Mar 14th, 2026

Godina Lixa Harargee Aanaa Shanan Dhuuggootti maqaa kaffaltii gosa gumaacha filannoo jedhuun ergamtoonni murna maafiyaa PP hawaasa nagaa saamuu eegalan

May 20, 2025

ONM-ABO Caamsaa 20, 2025 

Lixa Harargee aanaa Shanan Dhuuggoo araddaa Haqaan jiraataa keessatti Caamsaa 17, 2025 irraa eegaluun loltoonni fi kaadironni murna faashistii PP maqaa kaffaltii gumaacha filannoo jedhu sababeeffachuun manneen jiraattotaa irra deemuun nama tokko irraa qarshii 500 dirqamaan saamaa jiraachuu maddeen ONM’tti himan. 

Ganda Haqaan Jiraataa kana keessatti jiraattonni hundumtuu sababa saamicha waraana Bilxiginaa kanaan yeroo irraa gara yerootti kaffaltii gosa adda addaa naga’ee seeraa hin qabneen hiraarfamaa kan jiran yoo ta’u, namoota dirqiin saamaman keessaas kan maqaan nu ga’e:

  1.  Mohaammad Aliyyii,
  2.  Hassan Abdaallaa,
  3. Aliyyii Nuuree fi 
  4. Abiraahiim Abdallaa 

kanneen jedhaman yoo ta’an kan maqaan isaanii ammaaf adda hin ba’in hedduun jiraachuus maddeen dabaluun Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf eeraniiru.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading