ONM-ABO Caamsaa 20, 2025
Lafa qabeenya uummataa ta’ee fi dhalootni itti wal furee fayyadamu faayidaa siyaasaa fi dantaa dhuunfaa isaaf kan oolfachaa jiru bulchiinsi Abiy Ahimed Finfinnee, Shaggar Siitii fi Baha Shaggar magaalota akka Adaamaa fi Bishooftuu keessatti lafa seeraan ala namootaa fi abbootii qabeenyaa biroof yoo hiran, warreen kaaniin ammoo maqaa ni fudhattuun waajjiratti deddeebisaa oolu.
Akka kanaanis Shaggar Siitii kutaa bulchiinsa magaalaa Galaan Guddaa keessatti bara 21, 2025 keessa Waldaa Misooma Waliin kan jedhamuuf lafa Kaaremeetira 10,000 kennuuf bulchiinsi magaalattii waadaa galee ture.
Waldaan kun namoota 370 kan of keessaa qabu yoo ta’u, maallaqa kuufachuun hojii hojjetu. Hojii isaanii kana bal’ifachuuf karoora baafatanii lafa gaafatanis gaaffiin isaanii osoo hin deebi’iniif waggaa afur guutee jira.
Lukkeeleen Abiy Ahimed gaaffii seeraa waldaa kana kan isaan ofii ijaaran deebisuu irra maqaa isiniif laannaan goyyomsanii deggersa dhaabaa, waraanaa, misooma magaalaa fi kkf jechuun tokko tokkoon miseensotaa irraa qarshii 50,000 ol fuudhanii jiru.
Akka waan Waldaan Misoomaa Waliinii kun bulchiinsa magaalaa Galaan keessatti hojii eegaleetti xumura cufiinsa baajeta waggaatti hirmaannaa gootaniif jechuun waraqaa galatoomaa nuuf kennuu malee lafti hojii irratti karoorfame nuuf hin kennamin jira jechuun namootni miidhaan irra ga’e ibsataniiru.
Waldaa kana malees waldoota magaalattii keessatti ijaaraman 36’f lafa hojii osoo hin kenniniif wajjiratti deddeebisuun kaabineen maallaqa irraa nyaachaa jiraachuu ONM odeeffateera.

