• Wed. Nov 25th, 2026

Godina Qellem Wallaggaa Aanaa Yemaaloogii Walalitti miseensi farra riphee lolaa tokko sirnicha ganee baduun dhaga’ame

May 20, 2025

ONM-ABO Caamsaa 20, 2025 

Mooraan saamichaan sabbata haadha hiyyeessaa hiikee imimmaan lakkuu boossisee of jireessuu fi qawwee of harkaa qabutti fayyadamee gaafatamummaa seeraa cinaatti dhiisuun yakka namoomaa raawwatu ilmaan Oromoo humnaan fedhii isaanii malee waraana barcuma Abiy Ahimed tiksan taasisanii bobbaasanis carraa argataniin mooricha ganuun keessaa badaa jiru.

Murni Bilxiginnaa addatti dargaggoota ilmaan Oromoo dirqamaan gara dirree leenjiitti guuree leenjisus waraanichi sirnicha jibbee keessaa baduu hammeessuun, Caamsaa 18, 2025 ganama toora sa’atii 5:00’tti godina Qellem Wallaggaa aanaa Yemaaloogii Walal ganda Loomica Cabalitti kan bobbaafaman miseensi farra riphee lolaa 1 mooricha keessaa akka bades beekameera.

Torban lamaan darban irraa eegalee bifa addaan badaa kan jiran yoo ta’u, hanqina baajetaa sirnicha mudatee jiru irraan kan ka’e, akkasumas dhiphina dhuunfaa fi wal dhabdee hooggansa isaanii waliin keessa jiraniin moorichi onaa akka jirus ibsameera.

Akka maddeen jedhanitti hojjettota mootummaa sadarkaa olii hanga gadiitti jiran hunda rakkoo baajetaa fi kaffaltii miindaa isaan mudatee jiru irraan kan ka’e haalli jireenyaa yaaddoo fi danqaa adda addaa itti uumuun kanneen haala mijataa argatanitti fayyadamanii keessaa badaa jiranii fi harka laattatan malee hidhattoonni achi keessatti hafanis hedduun sirnicha gananii keessaa baduuf murteessanii akka jiran iccitiin keessoo isaaniitii miliqee ba’e ni addeessa.

Buufata waraanaa godinichaa keessaa baatii shanan darban keessatti loltootni Abiy Ahimed 700 ol baduu maddeen waraanaa godina Qellem Wallaggaa irraa arganne ni addeessa.

Leave a Reply