ONM-ABO Waxabajji 16, 2025
Hidhattoonni Bilxiginnaa hawaasa Oromoo lafa irraa duguuganii balleessuuf halkanii fi guyyaa gama isaaniif mijate cufaan carraaqan, umuriin aangoo impaayerattii kufaatii jala geenyaan akka waan baraaraniitti dararaa hammeessanii jiru.
Aanaa Baakkoo Tibbee ganda Odaa Kormaa jedhamu irraa Waxabajjii 9, 2025 qonnaan bulaa maqaan isaa Obbo Yaaddessaa Luuccee jedhamu “Waraana Bilisummaa Oromoo wajjin hojjetta” jechuun badii tokko malee ukkaamsanii waajjira poolisii aanichaatti hidhanii garmalee hiraarsaa jiraachuu fi akkuma aanichaatti dhiittaan mirga namoomaa saalaa fi umuriin osoo adda hin ba’in jiraattota irratti raawwatamu daran cimee itti fufee jiraachuu jiraattonni gandichaa Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himan.

