• Fri. Mar 13th, 2026

Godina Lixa Shaggar Aanaa Baakkoo Tibbeetti qonnaan bulaan tokko loltoota Abiy Ahimediin hidhaatti darbatame

Jun 16, 2025

ONM-ABO Waxabajji 16, 2025 

Hidhattoonni Bilxiginnaa hawaasa Oromoo lafa irraa duguuganii balleessuuf halkanii fi guyyaa gama isaaniif mijate cufaan carraaqan, umuriin aangoo impaayerattii kufaatii jala geenyaan akka waan baraaraniitti dararaa hammeessanii jiru.

Aanaa Baakkoo Tibbee ganda Odaa Kormaa jedhamu irraa Waxabajjii 9, 2025 qonnaan bulaa maqaan isaa Obbo Yaaddessaa Luuccee jedhamu “Waraana Bilisummaa Oromoo wajjin hojjetta” jechuun badii tokko malee ukkaamsanii waajjira poolisii aanichaatti hidhanii garmalee hiraarsaa jiraachuu fi akkuma aanichaatti dhiittaan mirga namoomaa saalaa fi umuriin osoo adda hin ba’in jiraattota irratti raawwatamu daran cimee itti fufee jiraachuu jiraattonni gandichaa Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himan.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading