
ONM-ABO Ebla 23, 2024
Gareen saamichaa fi dhiittaa mirgoota namoomaa Oromiyaa keessatti taasisaa jiru bilxiginnaan yakkoota jibbisiisoo fi egeree Oromootti yaaddoo uuma jedhee yaadu hundaa raawwachuun jiraattotatti yaaddoo uumee jiraachuun beekameera.
Bifuma kanaanis godina Lixa Wallaggaa aanaa Qilxuu Kaarraa keessaa namoonni jumlaan butamuun leenjii miliishummaa leenji’aa kan jiran yoo ta’u, keessattuu maatiin qabsaa’otaa dirqamaan butamaa akka jiranis himameera.
Sochii waraanni sirnichaa taasisaa jiruun gandoota baadiyyaa fi bulchiinsa magaalotaa dabalatee bakkeewwan socho’an hundaatti namoota saamuu, manneen irratti gubuu, jumlaan butanii hidhuu fi hojiilee baasasummaa adda addaatti bobbaasaa akka jiranis dubbatu.
Ebla 22, 2024 onuma Qilxuu Kaarraa ganda Guyyoo Daallee keessaa mana obbo Beekamaa Qannoo waraanni faashistii PP cabsuun itti seenanii buna kuntaala 6 saamuun gara bulchiinsa magaalaa Qilxuu Kaarraatti akka fe’atanis ifoomeera.
Saamicha qabeenyaan cinaattis maatii isaanii doorsisaa fi isin ajjeesna jechuun hiraarsaa akka turanis dabaluun jiraattonni himaniiru.

