• Wed. Nov 25th, 2026

Waraanni faashistii bilxiginnaa Godina Qellem Wallaggaa Aanaa Sayyoo keessatti dargaggoota lama rasaasaan rukutuun ajjeesan

  • Home
  • Waraanni faashistii bilxiginnaa Godina Qellem Wallaggaa Aanaa Sayyoo keessatti dargaggoota lama rasaasaan rukutuun ajjeesan

ONM-ABO Adoolessa 20, 2024

Faashistoonni murna PP dhala namaaf kabajaa hin qabne  guyyaa irraa gara guyyaatti ilmaan Oromoo saalaa fi umuriin osoo hin qoodin rasaasaan ajjeesaa oolan gocha diinummaa isaanii cimsuun  duguuggaa sanyii geggeessaa jiran haalaan jabeessanii jiru.

Waraanni faashistii PP kun gocha farrummaa isaanii itti fufuun dargaggoota Oromoo balleessaa tokko malee ajjeesanii jiru.

Haaluma kanaan tiksitoonni imphaayerattii Adoolessa 18, 2024 godina Qellem Wallaggaa aanaa Sayyoo ganda Alakuu  Kusaayee iddoo addaa Gurii jedhamutti galgala keessaa toora sa’a 12:00’tti dargaggoo Carraa Haayiluu jedhamu daandii irratti ajjeesanii yoo deeman,  aanaadhuma kana ganda Alakuu Aabboo iddoo addaa Gabaa Jimaataa jedhamuttis dargaggoo Oromoo maqaan isaa Caalaa Taaffasaa jedhamu rasaasaan rukutanii ajjeesanii deemuu jiraattonni onichaa ONM’tti himaniiru.

Waraanni goolessaan bilxiginnaa kun godinicha keessatti yeroo irraa gara yerootti dhiiga namoota nagaa dhangalaasaa, saamaa, hidhaa fi qe’ee irraa godaansisaa jiraachuu isaanii gabaasaa turuun keenya kan yaadatamuudha.