Godina Lixa Shaggar Aanaa Gindabarat keessatti mootummaan namoota nagaa 12 ajjeesuufi 3 ammoo madeessuu jiraattonni dubbatan.
(ONM-ABO Caamsaa 14,2022)
Mootummaa gabroonfataan impaayera afaan qawween 8jaaramte afaannqawweenntikseen jiraachisa jedhu WBOfi Uummatan addaan baasa jechuun uummata nagaa jiruu mataa ofii jiraatan ajjeesuu jabeessee itti fufee jira.
Aanaa Gindiibarat Ganda Qarree Doobbiitti waraannii namoota nagaa 12 ajjeesanii kan gatan yoo ta’u, Kana keessaa namoota 4 reeffii argame kaan hanga ammaa hin argamiin jitaachuu jiraattonni Arraata Biyyoolessa Oromiyaa dubbise himaniiru. Namoota 3 madeessanii kan biraa deeman yoo tau, namoota 2 ammoo qabeenya isaaniisaamuun Meeshaa mana keessaa jalaa caccabsanii jiru.
Maqaan namoota ajjeefamaniifi madaa’anii kan ammaaf nu ga’e,
1. Barattuu Sicaalee Jaafaar barattu kutaa 9
2. Barataa Zalaalam Abarraa bar. 10.
3. Bar. Abrahaam Tikisaa kutaa 9
4. Obbo Mul’ataa Bukka Maanguddoo Abbaa Ijoollee 9ti.
Kan madaa’an 3keesaaa
1. Obboo Ofisaa Zalaqaa fi kan hafa ammaaf maqaa isaanii hin arganne.
Namoota Lamaan qabeenyi isaanii saamame
1. Obboo Joonsee Biirruu fi
2. Obboo Girmaa Ijigguu ta’uu maddeen keenya gabaasaniiru.
Uummata jiilchuun of jala hiriirsuuf ajjeechaan Jumulaa Uummata keenya irratti fudhatamaa jiru, ittuu nu jabeessa malee duuba nu hin deebisu kan jedhan jiraattonni gamaaf gamanaan waliif birmannee ifa Bilisummaatti waliin haa baanus jedhaniiru.
