• Mon. May 4th, 2026

Godina Lixa Shaggar, Aanaa Jalduu keessatti Mootummaan sirna PP, hidhata WBO qabdu jechuun namoota nagaa 4 bakka tokkotti ajjeese

May 14, 2022

Godina Lixa Shaggar, Aanaa Jalduu keessatti Mootummaan sirna PP, hidhata WBO qabdu jechuun namoota nagaa 4 bakka tokkotti ajjeese.

ONM-ABO Caamsaa 14, 2022

Mootummaan Naannoo Oromiyaas ta’e Impaayirittii nan bulcha qaamni ofiin jedhu Oroomoofi Oromummaa akka hin kaanetti cabsuuf akkuma duraan “Oromoon yoo na daggaruu baate waggaa 100f akka hin kaanettan cabsa” jedhee kan dhaadate hojiin agarsiisaa jiraachuu taatewwan irra deddeebiin Oromiyaa keessatti godhaman irraa hubachuun ni dandaa’ama.

Haaluma kanaan Lixa shaggar Aanaa Jalduu Magaalaa Bonii keessatti uummata nagaa jireenya dhuunfaa isaanii jiraatan, WBO waliin hariiroo qabdu jechuun qabanii ajjeesanii gatuu maddeen keenya Ona Jalduu Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

Maddi keenya akka nuuf himetti namoota 4 bakka tokkotti ajjeesanii kan gatan yoo ta’u kanneen maqaa isaanii arganne:-

1, Shuumii Alamuu

2, Diroo Fedhasaa

3, Dalasaa Hayiluufi Namni tokko kan maqaan isaa adda baane ta’uu nuuf ibsee jira.

Waraana Bilisummaa Oromoofi Uummata Oromoo addaan baasuu dadhabnaan galaana gogsuuf akkuma murteeffatan gara hojiittis hiikaa kan jiran ta’uu kan dubbatan jiraattonni Ona Jalduu, tokko tokkoon afaan bineensaa bu’uufi shira xaxxoota siyaasaa dhaggeeffachuu dhiisnee WBO jala hiriiruun sirna Nafxanyaa kana ofirraa gombisuu qabnaan dhaamsa jiraattota Ona Jalduuti.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading