• Wed. Sep 9th, 2026

Gootichi Waraana Bilisummaa Oromoo waraana haaraa leenjii waraanummaa fi siyaasaa walitti fufiinsaan kennaafii ture eebbisiise

May 29, 2022

Gootichi Waraana Bilisummaa Oromoo waraana haaraa leenjii waraanummaa fi siyaasaa walitti fufiinsaan kennaafii ture eebbisiise.

( ONM-ABO Caamsaa 28, 2022 )

Irree fi gaachanni uummata Oromoo WBOn garbummaa uummata Oromoo irraa buqqisee bilisummaa dhugaa uummata gonfachiisuuf lola ijibbaataa geggeessaa jiruun cinaatti loltoota haaraa sirna garboomfataa PPtti xumura godhan jedhu leenjisee bobbaasaa jira.

Haala kanaanis gootichi Waraana Bilisummaa Oromoo zooniilee giddu galeessa Oromiyaa kaaba lixa Shaggar keessatti har’a Caamsaa 28,2022 waraana haaraa leenjii waraanummaa fi siyaasaa walitti fufiinsaan fudhachaa turan eebbisiisuun dirqama dabalataaf bobbaasee jira.

Qondaaltootni waraana bilisummaa Oromoo eebbicha irratti argaman eebbifamtoota baga saba keessaniif lubbuu tokkittii qabdan laachuuf dhuftan jechuun bobbaa taasistan irratti shira diinaa ciraa sirna uummata keenya boossisaa jiru gootummaan dura dhaabbachuun akka buqqistan jechuun galaa dhaamaniiruuf.

Itti dabaluunis gootichi Waraana Bilisummaa Oromoo hanga sirnichi hundeen buqqa’utti falmaa hidhannoo geggeessuu itti fufuun tarsiimoo isaaf ammoo qeerroo fi qarree Oromoo garbummaa hadheeffatanii jibbaan fuulduras fudhate leenjisuun lolaaf akka bobbaasan ibsaniiru.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading