Waraanni sirna PP godina Shaggar bahaa ona Boosat keessatti ilmaan Oromoo Karrayyuu ajjeesaa fi dararaa jiraachuun dhagaa’ame.
( ONM-ABO Caamsaa 31,2022 )
Godina Shaggaar Bahaa Ona Boosat keessatti uummaata Oromoo Karrayyuu hongeen bonaa ooftee ona Boosatitti godaananii achitti horii wajjiin rakkachuun daa’imman xixiqqoo ( 5 ) gaafa Caamsaa 27/2022 iddoo isaan horii eeganii qabanii deemuun achii buuten isaanii dhabamee ture.
Ijoollee shan ( 5 )keessaa nama tokko qabanii deemuudhaan iddoo Abbayyii ganda Xiiyyoo jedhamtutti geessuudhan guyyaa kaleessaa uffaata isaa irra jiijjiiranii uffaata humna adda itti godhun ajjeessanii suura kaasanii biraa deeman.
Haaluma kanan dheengadda uummanni Karrayyuu ona Fantaallee irra dhufe reeffa ijoollee keenyaa illee yoo argannee jedhanii magaalaa baadiyaa keessa oolii gadii joora jiraachuu himaan.
Waajjira aanaa Boosat deemanii gaafatanis deebiin kanaa nuti hin beeknu nama ergaa qabdanii gara keenya hin fidinaa waajjirri guutee jira ajjeessa jennee itti himneerra, dandeessan dhaqaa gaafadha ittiin jedhan.
Uumaanni fala dhabee rakkate haatii ilmoo kichuu waggaa 10 fi 15 dhabdee boo’aa magaala keessa joorti, Abbaan rifaatee waan ta’uu dhabee joora jira.
Mala baasanui haadha Karrayyuu takko fi haadha tuulama tokko waliigala dubartoota lama itti ergaanii eeguu eegalan.
Yeroo dubartoonni lameen iddoo waraanaa dhufan maal barbaaddan jedhanii gaafatanii ijoollee kaleessa nu jala fuutan barbaachaa dhufne jedhaniin ijoollee kam jedhanii ammas gaaffi gaafatan ijoollee Karrayyuu nama shanii jedhaniin, deebiin jara furmaata hin argamsiisne.
Inumaayyuu osoo dandeenyee Karrayyuu guutuu lafa kana irraa fiixuu feena jedhanii haadhoolitti dhaadatanii biraa deeman.
Haallii naannoo sana jiruu waan ulfaatuuf konkoolaataa uummaata maarxoo fi waayaa adii uffaata Karrayyuu fee’uu soodatee jira.
Uummatni Oromoo Karrayyuu ona Boosat keessa jiru waraana sirna PPn adamfamaa waan jiruuf sochii keessan of eeggannoo gochaa, dhimma kamiifuu akka magaalaa Oolancitii hin deemne sabboontootni Oromoo erga dabarfatachuun uummata Oromoo cufti akka sagalee ta’uufis dhaamaniiru.
